Skip to main content

BOSLA Frequently asked questions (FAQ)

Akkamiin odeffannon tajaajila dhihaata marssare irrattii?

A.Gargaarsa jireenyaa

Gargaarsi jireenyaa kaayyon isaa baqattoota akka isaan hawaasa isaanitti makamuun wal fudhataan fi of gahumma qabaataniifi.Grgaarsi kunnenis , qacarri hojii ,fi gargrsaa barnoota,gargaarsa fayyaa,gargaarsa dinagdee ,gargarsaa meeshaalee , manneeni fi qubsumaa , barbaacha maatiwwanii fi gargaasa hawaasummaa fi xinsammu kan of kessaa qabuu dhaa.

b.Gargaasa kallattoome ykn addaa

Gargaasi I kallaattome ykn addaa qabiyyen isaa dhaabbilee hawaasummaf ummataf dhaabbatan ,kannen akka daa’immanii , kessattu daa’immaan maati malee jiraanii fi hawaasa gargaarsa addaa barbaadaan, baraaramtoota miidha saala fi qunnamti saala ,akkasumas baraaramtoota godaansaa ,fi dabalatanis dhabbile gargaarsa lammile muraasaf kennamuu dha.

 C. Seeera fi furmaata yeroo dheeraa.

Bakka bu’umman seeraa fi furmanni yeroo dheera kan of kessa qabu dhaabbilee hawaasumma kanneen gargaarsaa seera ykn bakka bu’umma hin qabne ykn argachu hin dandaenyef kennamuu dhaa.

Dhabbilen kunnenis gargaarsa baqattoota fi godantoota ulaaga gargaraa kessa jiraaniif kennamuf yemmu tahuu kunis furmaata yeroo dheeraa (naannwa jiranin wal fudhachuykn qubsaa’uu,hirre biyya sadaffa ykn nannawa biratti qubsiisuu ,biyyatti deebi’uu ). Odeffannoon bakka bu’umma seera irratti galma’uu, jalqaba daldala akkasumas bakka bu’umma hoji seera dalaguu kan of kessa qabuu dhas.

Eenyu godaantonni?

Namni kamuu kan daangaa wolii galaa qaxxaa muree biyya duraan jiraatu keessaa bahe, (1)sababa gulantaa naummaaf, (2) yoo adeemsi kun fedhiidhaaf fedhiin ala ta’es (3) sababni adeemsaas maaluu yoo ta’e ykn (4) adeemsi kunis turtii hagamii yoo taatellee, kan armaan olii kun godaantota jedhamu.  

Godaansa Hojii ykn Dalagaa, kun kan ilaallattu godaantota biyya isaanii irraa bahuun dalagaaf jecha biyya biroo deemanii Keeyyata 2(1), Mirgaaf seera wolii galaa eegumsa godaantota dalagaa kan maatii isaanii woliin deemanii dalagachuu danda’an keeyyatni kun kan ibseedha ICRMW 1990. Keeyyatni 2(1)  kun kan ilaallatus godaantota kutaa adda addaa irraa of keessatti ni qabata.

Godaantota dalagaaf, miseensa  maatii isaanii:

 godaantota seeraan godaananii biyya biroo seenaniidha, hammi turtiis kan kennameefii mootummaa biyyattiitiin eeyyamamuun dalagaa isaanii irratti hirmaataniidha akka seera wolii gala biyyattiitti.

 

Kan of keessatti qabatu godaantota ragaan alaaf godaantota seeraan alaa ulaagalee kana waan hin guutneef gargaarsa kanaan ala ta’uu danda’u.

(Keeyyafa, ICRMW)

Daa’imman: ilmi namaa kan umuriin isaanii erga dhalatanii 18 gadi ta’an daa’ima jedhamu, yeroo hammaatti jarris kan baayyataniidha ( keeyyata 1, heera ykn tumsa mirga daa’immanii kan ilaallatuudha, CRC 1989)

Daa’imman maatii isaanii irraa adda bahan: Kana jechuun ijoollee umurii 18 gadii ta’anii maatii isaanii haadhaaf abbaa dhaan gargar bahuun, akkasumas fira isaanii irraa gargar bahuun namoota isaan seeraan kunuunsu kan hin qabneedha.

Daa’imni maatii irraa qoodaman: akka heera ykn keeyyata 1 ti, Daa’ima umurii 18 gadii kan haadha ykn abbaa isaanii irraa qoodaman jechuudha, ykn daa’imman namoota seeraan isaan kunuunsaa turan irraa qoodaman jechuddha akkasumas kan fira isaanii irraa qoodamaniidha, hata’u male hundi fira isaanii kan of keessatti qabatuu miti. Daa’imman kunis kan maatiin isaanii obboleessi ykn obboleettiin ga’eessi yoo jiraatanis, akkuma daa’imman maatiin adda bahanitti ilaalama.

(Koreen dhimma mirga daa’imman Geneva lakk. 6: gargaarsa daa’imman maatii isaanii irraa gargar bahanii biyya isaanii irraa baqatan, 2005 ni dubbata gadi fageenyaan

Maatii wolitti deebisuu : kana jechuun adeemsa maatiilee karakaraa badan dirqiidhaaf dhimmaan kan wolirraa badan kan wolitti fidanii wol qunnamsiisaniidha.

Godontotni seeraan alaa, kan jedhaman kan seeraan ala daangaa cabsanii seenaniidha, heera daangaa seenuu kan cabsan yoo ta’e, ykn kan eeyyama turtii yeroon isaa itti darbe qabachuu, woraqaa eeyyama turtii biyya sanii dhabuun kun hundi godaantota seeraan alaa ibsa. Hiikni kun kan of keessatti qabatus godaantota seeraan biyyattii seenaniiyeroo turtii isaanii xumuruun yeroo dheeraaf biyya sana keessa kan turan yoo taatee dalagaas achitti kan itti fufan taate, kun godaatota ykn hojjettoota seeraan alaa jedhamuun qaama mootummaatiin ni ilaalama, kunis godaantota seeraan alaa jalatti ramadamu.

Jechi seeraan ala jedhu, Moggaasa ykn maqaa, rakkinaati sababni isaas wanta badaa ykn seera hin qabatne waan ta’eef, kunis godaantota namummaa isaanii waan rakkina irraan gahuuf ykn saaxiluuf jecha. Namni seeraan ala hin ta’iniif.kun akka seera wolii galaaf mirga namummaatti. “godaantotni seeraan alaa kun yakkamtootaa miti godaantotni hundis akka yakkamtootaanni hin ilaalamanu, ibsi godaantota seeraan alaa ibsu  “godaantota seeraan alaa” kaffaltiin kamuu irraa hin eegamu”. Akk dhaabbatni wolii galaa UN itti wolii galee mirkaneessetti lakk. 3449 baatii 12fa 1975 “ katii ykn tilmaama mirga namaaf fedhii dalagaa godaantotaa” akka insetti hiikni kun “seeraan” akka ibsanitti godaantotni kan keessa jiru haala godaantota seeraal alaati.. Akka Francois Crepeau ibsa quubsaa haala mirga namummaa kan godaantotaa ibsanitti, kan barreeffame qabiyyee bu’uura badaa ykn wonta hin taanetti tokko tokkoon kan akka seeraan alaatti ilaaleedha. Bu’aan ykn ilaalcha gad aanaa godaantotaaf godhe, akka dabalataattis kan humnaan kan mirga godaantotaa miidhuudha. 

Irraa caalaa immoo afaan akkasii ykn yaadni akkasii kan fudhatamaa qabu dubbii wolii galaa kan dhiibbaa godaantotaa, akka taraatti ykn dabareetti, kan tajaajilu adda babaasuuf, namoota ilaalu ykn gargaaruu, dhiibbaa qoodumsaa irraan gahuuf rakkoolee godaantota irra yeroodhaa yerootti irra gahaa jiran ilaallata. 

Baqataan eenyu?

Baqataa jechuun nama seeraaf ulaagaa baqattummaa guutanii heeraaf seeraa wolii galaaf naannoo guutaniidha, innis kan jalatti galmaahu dhaaba UNHCR jalatti ykn seera naannoo yoo guutan kan fudhatamuudha, ( odeeffannoo gabatee guddicha UNHCR woxabajjii 2006).

Akka seera  keeyyata 1951, baqataa jechuun namoota sodaa qabatamaaf biyya isaanii irraa bahanii sodaan kunis kan dhiibbaa guddaaf kan saaxilu yoo ta’eedha, (1), saba,(2), amantii, (3,) lammummaa, (4) miseensa hawaasa tokkoo ta’uu, (5,) yaada siyaasaa qabaachuu yaadichi kun kan biyya isaaniitiin ala ta’e, innis biyya kana keessa rakkoo nageenyaaf kan jiraachuu dadhabe yoo ta;e, baqataa jedhama.  

Heerri wolii gala 1969 Gamtaan awrooppaa heera kana adda baasee kan irratti yaada dhiheesse rakkoo baqataa afirkaa kan ilaallatuudha. Keeyyanni 1, kan of keessatti qabatu heera ykn hiika keeyyata 1951. Keeyyatni 2fan akka jedhutti, jechi baqataa jedhu namootrni himata kana dhiheeffachuu ykn galfachuu danda’anu, namoota dhiibbaan alaa irra gahe, dhiibbaan dalagaa, biyya biraatiin qabatamuu ykn bitamuuf hirtoo ykn faayidaa biyyattii kennitu keessatti yoo adda addammaan jiraatee dhiibbaan namarra gahe, biyya biroo deemanii iyyata ykn himata galfachuun baqattummaan gaafachuun ni danda’ama. 

Eenyu Namootni bakka gadi lakkisiifaman?Who are internally displaced persons (IDPs)?

Biyya keessatti namni bakka gad lakkisiifama jechuun, namoota tokko ykn namoota heddu humnaan qaamni biraa biyya isaan duraan jiraataa jiran irraa gad lakkisiisuun, kan biyyaa bahan jechuudha, sababni guddoonis kan sababa sababa humna woraanaatiin namarra gahu, haala biyyatti keessatti dhiibbaa adeemsifamu, mirgi dhala namummaa sarbamuu, balaa nam tolcheef kan uumamaan namarra gahu, namootni daangaa wolii galaa kan biyyichi hin eeyyamin qaxxaa muranii seenuun kan dhorkame. (kka heera gamtaa afirkaattinageenyiif gargaarsi namnootni bakka isaanii gad-lakkisaniiif gadi fageenyaan ni ibsa 23, baatii 10fa 2009, ragaaleen ykn odeeffannoon gahaanf heerriif seerri godaansa keessaa, UN ragaan E/CN.4/1998/53/Add.2.). 

 

Dhaabbileen tokko tokko toora intarneeta ykn tamsaasa hawaasaa isaanii irratti tajaajila baraaramtoota worl qunnamtiin saalaa irra gaheef namoota dallaalli namaa rakkoo cimaa irraan gaheef akka tajaajilan ibsanii jiru.

Maali baraamatoota ykn saxilamtoota wol qunnamtii saalaa jechuun? Baraaramtoota wol qunnamtii saalaa jechuun, kun kan ibsamu yoo namni tokko dirqiidhaan fedhii kee daangessuun, rakkina qaamaa ykn saalaa,ykn sammuu kee kan tuqu sirratti yoo raawwateedha, kan inni irratti dhaabbatu yoo wol qunnamtii saalaa dirqiin namatti godhameedha, ykn kan dhimma saala isaanii tuqu dubbachuun, dabalats yoo sababa saala isaanii arrabsoon ykn ciicuun ykn gad aantummaan itti kenname kan ilaallatuudha.

Rakkina kanaan saaxilamuun dhibee ykn dhiibbaa hawaasaan ala ta’uu hawaasa irraa amantee dhabuun, qobummaan saaxilamuu, saba kun namarra gaheen hawaasni gad nama gochuuf nama ciicachuuf arrabsuunis miidhaa kana of keessatti dabalata. Rakkinni kun gareen inni miidhu, dubara, haadholii, dhiiraa namoota kana kanneen hunda mirga dhala namummaa sarba.

Rakkoo wol qunnamtii saalaatiin saaxilamuun, yeroo tokko tokko namoota hin beekmneen namarra gahuun ni mala, namtichis hawaasuma woliin jiran keessaas namarra gahuun ni mala, godaantota keessas namarraan gahuun ni mala, dabalatas qaama mirga namummaa faallessaniin namarra gaha.

Namootni abbaan taayitaa (poolisiin, humni addaa, itti gaafatamaan hawaasaa, barsiisaan, kan hojii nama galchu, kan dhaaba garaagaraa irra hojjetan rakkoo kana namarraan gahuun ni mala taayitaa isaanii kana fayyadamuun). Hawaasa ykn saala jijjiiruun itti gaafatamummaan isaa kun rakkoo xinsammuutiin saaxilamuun ni mal, yeroo muraasa naannoo keessatti dhiibbaan sirra ni gaha. Yeroo tokko tokko aadaaniif haalli jireenya naannoo rakkoo qunnamtii saalaatiin saaxilamuu namarraan gaha: kan akka dafanii heerumuu, qaama saalaa dubaraa irraa qinxirii muruun, humnaan ulfa baasuun, kun hundi rakkoo saalaan namarra gahuudha akka aadaaf naannootti. Yeroo wolitti bu’iinsi ykn lolli geggeeffamu, gareen lolaan rakkina kana namarra gahus ni jira.

Ilmoo nama godansisu bakka bakkatti maali?

“Qacaruun,gejjibun,imalsiisuun ,warren dallahachiisan,sodaachisuun maleen humna ykn kannen birro fayyadamuun , humnaan butuu ykn dhabamsiisuu , seera wal makaa, dhugaa dhooksuun , aangawa serran ala itti fayyadamuun gitaa miidhama ballessun mallaqa fudhachuun iritti gaafatamummaa tokko nama tokko irratti qabaachuun , axaara ykn itti fayyadama sereran alaa”(Kew.3(a),UN Protocol , tumsaa , ugguraa fi namoota nama dallalan adabuu , dubartoota fi daa’imman xiyyeffannoo , itti dalabala murtee UN  kan yakka qindaa’aa balaaleffatu ,2000). Itti fayyadama danga darbee , kan ofi kessatti qabatuu xiqqennaan  , gita qunnamti saalatif itti fayyadamuu, ykn bifawwan qunnamti saala kanneen biro irrattyi rawwatuu , gita humna baasisu ykn itti fayyadamu, gabroomus ykn gochawwan gabrumman wal fakkatan itti rawwatuu , qama irra dhabamsiisuu ,”yakkii godaantoota deddeebisuu bakka bakkatti ykn daangawwaan naanno naanntti gaggeffamuu dandahaa ykn bifaa qabaata.

Baqattummaan wolii galaa kun, sochii namni tokkoof ykn namootni heddummaatanii daangaa wolii galaa qaxxaa muruun sochii godhaniidha. Kunis sochii ummatootaa jechuudha, kan ummatni dhimma wohiif imalaniidha, adeemsa ykn fageenya hamma ta’ellee yoo ta’es, ummatni woliin ta’uunis sababa wohiitiin; kunis kan of keessatti qabatu godaansa baqattummaa, godaansa namootni teessoo isaanii jijjiiruu, imala dalagaaf imalamu ykn godaanamuf godaansa namootni dhimma birootiif imala godhan, kan akka barnootaaf deemanii, adeemsa ykn imala maatiin wolitti dhufanii wol arguu, of keessatti qabata (kana ilaaluuf gabatee iom bara 2011 qopheesses ni jira) Heerri dhaabbata godaansa wolii galaa (IOM)kan inni irratti xiyyeeffatee ilaalu “ godaantota wolii galaa akkasumas godaantota baqattootaa, kan bakka isaanii gad lakkisanif sababa adda addaatiin kan biyya isaanii lakkisan” godaantonni kunis biyyoota nagayaan dalagaa isaanii dalagatanii jiraachuu danda;aniif biyya keessatti wal-kabajan ykn kabajaa namummaa argatan keessatti maatiilee isaanii woliin kan nagayaan jiraataniidha , (IOM, Heera Dhabbilee godaatota wolii galaa (1989:9)

Godaantonni makoon, akka ergamanitti godaantota seeraa alaa jedhamu. Jarris wolitti dhufeenya qabu. Godaansi seeraan alaa kun akka ibsamutti godaantotas seeraan ala biyya isaanii lakkisuun, seeraan ala biyya tokko keessa yeroo muraasaaf turuun hammas godaansa seera hin qabne kan itti fufaniidha. Baqattootni akka iccitiitti baqatan kan baayyee yaada namaa ofitti harkisuudha, akka guddinaatti ykn wolii galaatti kan godaanan baqattoota seeraan imalaiidha, (fakkeenyaaf godaantota ykn imaltoota daawwannaaf deema, ykn kan barnootaaf deemaniidha) erga imalanii bakka san yeroo dheeraaf jiraataniin booda eeyyamni ykn woraqaan isaanii ka seera qabu ta’a. Godaantotni makoon kan bakka deemanitti tokkoon tokkoon isaanii haala qorannoo jala galfamuun rakkina nageenya isaaniif tajaajilli isaanii kan qoratamuudha. Ibsi ykn hiikni godaantota makoo kun kan ibsamuun dabalatas dhimma wolxaxaa kan of keessaa qabuudha. Akka fakkeenyaatti namootni daangaa biyya tokkoo seeraan qaxxaa muruun kan biyya kaanii seeraan ala qaxxaa muru. Sun hin salphatus, haala turtiif haala biyya keessa jiranii ilaaluun, takka turanii iccitii baqatummaan argamu irratti xiyyeeffachuun jiraatu. Haala akkasii kana akka seera UN ti iccitii baqattummaa kan addaan baasaniidha. “dhimmi kun kan dhaabbata UN tif dhimma itti gaafatamaa mirga namaatiin kan adda baheedha, akka dhaabata kanaattis dallaali namoota oofan akka yakkaatti kan qabatameedha, godaansi seeraan alaa garuu yakkaa miti, dhimma dallaalumma yakka ta’ee kan fudhatameedha. Namootni seeraan ala deemaa qabamanis kan himatni seeraa kan itti hin banamneedha.

Godaansi seeraan alaa kun kan yakkeeffame (Francois Crancois(2013) odeeffannoon addaa kun kan dhaaba mirga dhala namaaf godaantotaaiin UN. A/HRC/23/46).

 

Godaansa Dirqamaa, kun kan of keessatti qabatu sochii godaantotni sababa woraanaa biyya keessa jiruuf biyya lakkisaniif balaa uumamaaf kan na tocheedhaan gahe, haadha manaa ykn abbaa manaa bira deemuuf ykn guddina waarshaa kan keessaaf kan alaatti dhadhamuudha. (Odeeffannoo baqattootaa IOM 2011 ilaali) godaansi dhimma balaa uumamaaf kan nannoo kun godaansa baqattummaa jalatti hin ramadamu.

 

Godaansa baakka duraan dhufanitti deebi’uu: akka dhaabbilee godaansaatti hiikni kun adeemsa godaanttotni biyya isaanii irraa daangaa qaxxaa muruun bahanii sana booda biyya isaanii kan dur dhufanetti deebi’anuudha. Hubadhu UNDESA akka hiiketti godaansi biyyatti deebi’uu  godaansa namootni biyya duraan lammummaa isaanii  qabanitti deebi’anuudha erga daangaa wolii galaa dabaraneen booda biyya biroo turtii yeroo xiqqoo ykn dheertuu turaniin booda kan biyyatti deebi’aniidha. Kan biyya biroo keessa yoo xiqqaate woggaa tokkoof turanii ykn iraatanii deebi’an (haalli qorannoo gabatee ummataa sassabu kan dhaaba wolii gala godaansaa ilaaletti 1,1998, p.94)

Martoo ykn naannawa Godaantotaa: Adeemsi namootni jidduu biyyootaa keessa godhu, kan yeroo gabaabduuf  ta’ee yeroo dheeraadhaaf kan godhamuudha. Yoo bakkif biyyi godaantotni kun jiran fedhiidhaan namoota kana hojiidhaan wol qabsiisan fayidaanis ni argama.

Qubsuma ykn Jijjiirraa bakkaa: hiikni kun kan irratti hundaa’u akka biyyoootni adda addaa haala adda addaatiin kan hubataniidha, “Qubsuma” hiikni isaa Adeemsa godaantotni godhanii hawaasa tokko biratti fudhatama argataniidha, kunis nama baaqqee ykn nama hedduunis ta’uu ni danda’a. Akka wolii galaatti qubsumni kun kan ergamu karaa lamaan, tokko karaa godaantonni ofiif of erganiidha, inni kan biroo kan kan hawaasni ergu ykn fudhatuudha. Hata’u male ulaagaan itti xiyyeeffatamee baqataan kun fudhatamu akka biyya isaaniitiin garaa garummaa qaba. Qubsumni kun eeyyama ykn taa’icha dhaabbataaf namaa kennamuu miti. Kan baqattummaan kun kennamu yeroo baqataan miri isaaf dirqamni isaa seeraan kabajamuu dhabee biyya keessa jiran sana keessatti rakkinni ciicmoon yoo irra gahe, biyyootan fudhatan ulaagaa ilaalanii biyyattii keessatti akka gargaaramaniif tajaajila adda addaa kan argataniif xiinxalamee kan kennamuuf ta’a. Jijjiirraan biyya keessaas furmaata yeroo dheeraa gosa sadi kan of keessatti qabatuudha baqattoota rakkina addaatiif saaxilaniif. Kuis kan of keessatti hammatu dhiibamtoota dallaalaal rakkoon cimaan irra gahaa jiruf daa’ima umurii 18 gadii kan maatii isaanii irraa adda bahanii dhufanis ni ilaallata.   

Bakka jireenyaa: Bakki jireenyaa bakka mootummaan yookan biyyi tokko irra ykn keessa jiraachuf namaa seeraan kennudha. Bakki jireenyaa kun yeroo tokko tokko akka yeroodhaaf namaa kan kennamuudha, bakki jireenyaa kan seeraan namaaf kennamu kan yeroo dheeraaf irra jiraachuun kan namaaf eeyyamamuudha wanta akka mana jireenyaa faa irratti ijaarratanii jiraachuun kan danda’amuudha. Namini bakka jireenya lama qaban ni jiru garuu seerri akka jedhetti bakki jireenya isaanii ka seeraa tokko kan seeraan murtaahe qabachuu danda’u.

Lammummaa: wolitti hidhamiinsa kan ummataaf mootummaa jidduuti. Dhaabbanni mana murtii wolii galaa lammummaa kana akka itti ibsutti Nottebohm himata 1955 wolitti hidhamiinsi kun, wolitti hidhamiinsa kan seera dhugaa hawaasaa kan of keessatti qabuudha, dhugaa qabatamaan jirus kan qabatuuf, fedhiif yaada bal’aa irratti kan hundaa’ee, yaada qabatamaa jirutti namoota woliin woliin maryatamee itti gaafatamummaan kan ilaalamuudha. Tokko tokkoon fayidaan argamuu, fayidachi kunis kan seeraan kennamu ykn bu;aa kan taayitaan kennamuuf, kun kan namoota ykn ummatoota biyyattii keessa jiraniif kan ooluudha.” Akka keeyyata .1, wolitti bu’iinsa lammii kan seeraa biyyattii ibsutti, 1930 biyyi tokko seeraaf heera mataa ofii kan mootummaa isaaniitiin murtaahan qabu. Seerrichi kunis biyya biyyi ykn mootummaa biyya kaaniitiin fudhatamuuf ni danda’a yoo kan ulaagaan isaanii wol simate akka wolii gala biyya guutuutti. Hidhaan ykn bu’uurri lammummaa tokkoo kan mootummaa isaaniitiin mirgi dhuunfaa isaanii kabajamee jiraataniidha.akka seera nanumammaa ykn mirga namummaatti wonti qaama seeraatiin  ulaagaa keessa galfaman, lammummiileen hundinuu mirgi isaanii akka kabajamuuf akka eegamu, kunis seera eegumsa mirga namummaa jalatti ramadamuun mootummaan nageenya lammii tokkoo kan kabajchiisuudha, akkasumas qaamolee mirga namummaa sarban kan qaama seeraatti dhiheessuun mirga lammiileef kan bajajchiisuudha ( akka addaatti seera mirga nageenyaa tiin kan kabajamuudha), itti gaafamummaan isaanii kun kan mirga lammummaa isaanii kan jiraachisu ta’a.

Dhaabbileen garaagaraa tajaajila barnootaa daa’imman baqattootaaf ijoollee umurii giddu galaaf kan kennaniidha. Toora ykn odeeffannoo isaanii baruuf hidha kana ilaaluu dandeessu. Dhimma ykn tajaajila barnoota hawaasa biyya masrii kan argatan daa’imman biyyoota baqataa muraasa kan ta’aniidha isaani (Sudaanii, Liibiyaa, Joordaan,akkasumas daa’imman biyyoota muraasaa kan of keessatti qabatuudha) kunis barnoota idelee kan mootummaa masrii kan argataniidha. Barnoota dhuunfaa biyya masrii jiraniif lammiileen huindinuu argachuu ni danda’u.

Gargaarsa maallaqaa dhaaba wolii gala imaltootii (IOM) dhaa argattu. Hojjetaan hawaasa keenyaa hamma ykn maallaqa hagamtu akka kennamuuf haala jiruuf jireenya isaanii hubachuun murteessee kennuu danda’a kunis ulaagaa dhaaba keenyaa yoo guuteedha. Dhaabbileen garaagaraas gargaarsa maallaqaa kan kennanuudha, kana isirraa adda baafattu.

IOM will offer help in the pre-departure stage with counselling and pre-departure medical screening, administrative procedures before departure; the transportation stage with airport assistance in Egypt and upon arrival in your country; and in the post-arrival stage, with an elaboration of a reintegration plan if you meet the eligibility criteria.

Dhaabbileen garaagaraa  tajaajila dhimma fayyaatiin godaantotaaf kan laataniidha. Tajaajilli fayyaa kun akka dhaabbileetiin garaagara  ta’uu ni danda’a, gariin dhaabbilee tajaajila qorannoo fayyaaf dhukkubsataa qoratu qofa kan godhutu jira, dhaabbileen gariin kan dhimma fayyaa hatattamaaf kan biraa dhimma fayyaaf kan baasii  tajaajilaaf bahe maallaqaan gargaarutu jira( tajaajilli kun lammiilee hunaaf kan godhamuudha) akkasumas kan inni irratti xiyyeeffatu dhimma fayyaa isaanii irratti kan murteeffamuudha, umuriif gulantaa isaanii irrattis kan dhaabbatuudha, tajaajilamaan ykn dhukkubsataan hospitaalaaf dhaabbilee fayyaa tokko tokkotti kan ergamaniidha dhimma ogeessa fayyaatiin ilaalamanii tajaajila argachuu irratti.  Linkii ykn hidhaalee tooraa kanaa gadii ilaaluun odeeffannoo dhaabbileen garaagaraa dhimma fayyaa kanarratti kennan ni bartu. dhimma tajaajila fayyaa dhuunfaatiif kana ilaali

Dhaaba imaltoota wolii galaa ykn IOM ti fakkeenyaaf , dhimma tajaajila fayyaa akka armaan gadii ta’a: qorannoon fayyaa gaaffii afaaniitiin geggeeffamuun dhukkubsatichi tajaajila maali akka barbaadu ni taasifama. Sana booda ergaan ykn referaaliin haala dhibee fayyaa isaanii irratti xiyyeeffachuun hospitaala ykn buufata fayyaatti ni ergamaaf, bakka dhukkubsataan jiraatu ilaalamuun  buufata fayyaa naannoo isaanii jiranitti ergamaaf, yoo kan barbaachisuus gatiin geejjibaas kan kennamuuf ta’a.  Baasiin tajaajila fayyaatiif bahu akkaataa baasuu ykn kenna maallaqa dhimma fayyaa nuti qabnutti ilaalamuun kan baasii godhamu ta’a.

Dhaabbilee 

Buufata Hawaasaa

Dhaabni wolii gala imaltootaa ykn IOM namoota UNHCRti hin galmaahiniifis tajaajila kan kennuudha. Gargaarsi ykn tajaajilli kunis kan of keessatti qabatu::

Godaantota kan biyya masrii keessa baatii 6 jiraataniif isaa olii:

 

  • Namoota passpoortii qaban kan UNHCR ti hin galmaahin
  • Namoota paasportii qaban kan UNHCRti galmaahanis
  • Godaantota biyyarraa ari’amaniif
  • Kan UNHCR n himata isaanii kuffisaniif
  • kan galmee isaanii cufaniifA

 

Woraqaa beellama kan galmee UNHCR ti galmaahuuf kan turtiin isaa baatii tokkoo ol ta’eef, dabalatas yoo beellamni isaanii baatii tokkoo gadi ta’an  hojjettoota keenyaan maryatamuun tajaajila iom n kennuuf godaantota hubachiisuu

​​​​​​​Dhaabbatni wolii gala kun kan imaltoota ykn godaantotaaf dhaabbateedha.  Dhaabbatni wolii galaa(IOM) kun kan hojjetuuf namoota imalaiif haala isaan itti imalanuuf kan haala mijeessuufiin gargaarsa godhuudha, akkasumas haala guutuu addunyaatiin wolii galuun dhimma isaanii irratti kan gargaaruudha, dabalatas tajaajila godaantotaaf furmaata barbaaduun  akka godaantotni mirga namummaa isaanii argataniif fedhii isaanii guuttataniidha, kun kan of keessatti qabatu baqattootaaf godaantota bakka jijjiirratan kan of keessatti hammatuudha.

 

 Dhaabni wolii gala baqataa imaltootaa (IOM) n biyya Masrii/Egypt tajaajila maallaqaa ni godha, tajaajila yaala fayyaaf tajaajila barnootaa godaantota biyya isaaniirraa bahanii baatii jaha turanii biyya masrii ykn egypt keessa jiraatanii kan dhaabbata UHNCT ti hin galmaahiniif, kan faayilli ykn galmeen isaanii cufameef woraqaa beellamaa kan galmee UNHCR qabaniif kan tajaajiluudha. Akkasumas dhaabbanii wolii galaa imaltootaa ykn IOM n kun biyya duraan dhuftettis yoo deebi’uu barbaaddan kan tajaajila kennuudha.

Tajaajilli kan Bosla bakka gurguddaa saditti qooduun kan ibseedha.

  • Gargaarsa Jireenyaa:
    • Gargaarsa dalagachuu
      • Gargaarsa Barnootaa
      • Gargaarsa carraa barnoota alaaf baasii barnootaaf godhamu
      • Daa;immaniif giddu gala umurii
      • Ga’eessota
      • Gargaarsa shaakalliif Ogummaa adda addaa
    • Barnoota ykn shaakallii yeroo dheeraaf bakkee bahanii argatan
    • Gargaarsa Hamilee sammuu
    • Kan bakka jireenyaa
    • Gargaarsa xinsammuu
    • Gargaarsa wolitti  namoota wolitti gurmeessuun maallaqa kennuu
    • Gargaarsa yaala fayyaa
      • Dhimma Arifachiisaa
      • Buufata dhunfaa
      • Qorannoo fayyaa
      • Buffata hawaasaa
      • Dhaabbilee
    • Meeshaa gargaarsaae
    • Gargaarsa manaa
    • Gargaarsa maatii wolitti fiduu ykn wol qunnamsiisuu
  • Gargaarsa dhimma addaa:
    • Daa’immaniif ijoollee umurii xinnoo kan maatii isaaniirraa adda bahan Baraaramtoota humna nama daangaa deddeebisa jalaa bahan
    • Saaxilamtoota wolqunnamtii saalaa
    • Barbaacha ykn fedhii addaa ykn barbaachisummaa adda ta’e
      • Gargaarsa addaa lammiiwwan ykn biyyoota muraasaaf kan biyya masrii jiraniif
      • Eritiraa
      • Itoopiyaa
      • Sooriyaa
      • Suudaanii
      • Suudaan kibbaa S
      • Soomaaliyaa
      • Biyyoota kan biroo
  • Seeraaf furmaata yeroo dheeraa:
    • Tajaajila Seeraa
      • Qorannoo seeraa kan biyya sadaffaa ittiin argatan
      • Qorannoo ykn afgaaffii baqattummaan ittiin mirkaneeffamu
      • Qorannoo seeraa
    • Qubsuma biyya sadaffaa
    • Biyya dhufanitti deebi’uu
    • Gaaffii baqattummaan mirkanaahuu
    • Nageenya